Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Saturday, August 16, 2008

Hawwaasa Oromoo biyya ambaatti
Daraaraa Lammiin

Mal balulchiinsa jallaa barootaaf ummata Oromoo irratti fe’amee jiru jalaa ba’uuf lammiwwan Oromoo akka dhuunfaattis ta’e gamtaatti biyyaa godaanuun biyyoota ollaa fi baar gama cehuun qubachuu erga jalqaban wagga 40maa ol ta’ee jira. Baqattooni Oromoo baayyinaan kan isaan keessa qubatan Baha Afirkaa kan akka Jibuutiii, Kenya, Somalia, fi Sudan, akkasumas lakoobsaan muraasa kan ta’an Kibba Afirkaa fi biyyoota arabaa adda addaa keessa qubatanii jiru. Biyyoota Afirkaan alas biyyoota Akka Europe, USA, Canada fi Australia keessatti baayyinaan qubatanii jiru.

Lammiwwan Oromoo kun isa biyyaa ba’an callisanii jireenya isaanii qofa fooyyeffachuu irratti kan bobba’an osoo hin taane, qabsoo ummanni Oromoo hiree mataa isaa murteeffachuuf biyya keessaa gaggeessaa turee fi jiru dinagdee fi yaadaan utubuun gahee isaanii ba’aa turanii fi jiru. Aadaa, seenaa fi og barruun afaan Oromoo akka hin badneef ykn kan hormaan wal makee akka hin wallaalchifneef kitaabota adda addaa barreessuun, barrulewan goosa adda addaa maxxansiisuun gahee isaan irraa eegamu baayyee raawwachaa jiru. Irra darbees daa’imman Oromoo biyya alaatti dhalatanis ta’e, biyya irraa xinnummaan kan ba’an aadaa fi afaan warra isaanii qabatanii akka guddataniif tattaaffii isaan taasisan xinnaa miti.

Bara 1970 ta keessa warreen akka Generaal Waaqoo Guutuufaas roorroo alagaa jibba biyyaa erga ba’an booda tooftaa lolaa barachuun meeshaa waraanaa hidhatanii kan biyyatti deebi’an, kanneen akka Ayyuub Abubakar Somalia irraa lafa Oromootti kan darbu raadiyoo afaan Oromoo banuun barnoota barbaachisaa ummata Oromoof dabarsaa kan turanis fakkenya baayyee keessa isa tokko.

Yeroo ammaa kanattis hawwaasni Oromoo biyyoota alaa jiran baayyeen isaanii haala waliin ijaaramuu danda’anitti wal ijaaruun sabni Oromoo akka saba tokkootti addunyaa irratti akka beekamuuf beeyyee irratti hojjechaa jiru. Tattaaffii isaanii kana fiixaan baasuufis akka wal fakkaatanii fi waliin ijaaramuu danda’anitti ijaaramaniiru. Fakkeenyaaf beektotni Oromoo Waldaa Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association), Kaa’imman Oromoo Waldaa dargaggoota Oromoo(Oromo youth Association ) Waldaaleen Amantii kirstaanaa; Waldaa warra Wangeelaa afaan Oromoo( yeroo ammaa kanatti waldaalee 30 ol) maqaa adda addaan biyya alaa kana irraa qabu. Yeroo ammaa kanatti tamsaasa TV dabalatee raadiyoonni afaan Oromoon ala knaa biyya keessatti darban baayyeedha. Akkasumas jaarmayoonni siyaasaa fi namoomaa baayyeen bu’ureeffamuun ummanni Oromoo rakkoo namoomaa, hawwaasummaa fi dhiibbaa adda addaa jala jiru keessaa ba’ee fedhi isaa akka guutuufiif hojii guddaa hojjechaa jiru. Dadhabbiin isaanii kunis gaaf tokko firii akka qabaatuufiif abdii guddaa qabu.

1 comment:

Biqilaa oromiyaa said...

yaada keessaan irraa waa hedduun baradhee akkanummaati itti fufaa anis sin waliin ta'een hojjadha sababin isaa rakkoo akkan irraatti dirqaamni lammummaa ni barbaachisa waan ta'eef.

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa