Onesmos Nasib
Hiikaa Awwaajii namoota bebbeekamoo Oromoon qabaatanii dhaban keessaa nama tokko. Namni kun bara jireenya isaa keessatti waan yeroo hunda maqaa isa dhoofsisuu fi sabni isaa itti tajaajilaman kaa’ee nama darbeedha. Kanumaa Hiikaa Awwaajii eenyu inni, bara jireenya isaattoo Oromoof maal godhe? Barreeffamni kun deebisa kan qabateera.
Hiikaa Awwaajii 1856 biyya Oromoo kutaa Iluu-Abbaabor keessatti dhalate. Abbaa fi haati isaa horii horsiisuun jiraatu turan. Hiikaan isaa waggaa afurii abbaan isaa irraa waan du’eef obbolaa isaa lamaan hafan waliin kunuunsa haadha isaan jiraata ture. Garuu utuu fagaa hin turin gaaf tokko namoonni hidhannoo lolaa qaban bakka Hiikaan haadhaa fi obboleyyan isaa lamaan waliin loon tikfatan dhaquun namoota biroo Hiikaafaa waliin turan erga ajjeessaniin booda Hiikaa fi obboleyyan isaa haadha isaanii harkaa butatanii fudhatan. Haati Hiikaa u..uuu..uuu… jette. Na jajjeestan malee ijoollee koo na harkaa hin fudhattan jettee iyyite. Garuu jarri iyyaa fi bo’icha isheef bakka hin laanneefaa. Hiikaa harkaa butatanii deeman. Guyyaa sanaa ka’ees Hiikaan ni garboome. Maqaan isaas jijjiiramee Nasiib jedhame.
Namtichi jalqabaaf isa bitates yeroo gabaaf erga of bira turseen booda Hiikaan bo’ee, waan rakksiieef qaamaa fi qalbiin erga darareen booda dabarsee gurgurate.
Hiikaan haala akkasiin yeroo torbaffaaf gurgurame. Inni torbaffaatti bitates naannoo jiru irraa fagaatee Mitswaa bakka jedhamutti fudhatee gale. Namtichi kunis amalaan nama baayyee gara jabeessa ture. Hiikaan harka nama kanaa keessatti baayyee miidhame, reebamee hidhameeras. Guyyaa tokko manaa ba’ee magaalaa dhaqee achitti nama adii( Faranjii) arge. Battalumatti waan namtichi isa bitatee jiru ittiin jedhe sammuu isaa keessatti balaqqise. “biyya kana bulguun foon namaa nyaatutu jiraa of eeggadhu. Yoo ati hammaatte yookaan baduu yaalte isattan si gurgura” kaninni jedhu. Hiikaan sana dura nama adii argee waan hin beekneef bulguun nama nyaatu sun isa kana jedhee yaade. Jireenya akka sanaa jiraachuurras bulguu sanaan nyaatamee boqochuu hawwe.
Hiikaan ammas yeroo saddettaffaaf gabaatti dhihaatee, Faranjii Bulguudha jedhamee itti himamaa ture sanatti gurgurame. Yeroo sanatti hiikaan yeroo jalqabaaf jireenya isaatti abdii kutate. Utuu biyya isaatti deebi’ee haadhaa fi obboleyyan isaa hin argin du’atti akka dhihaate itti mul’ate. Namni marroo dhumaaf isa bite Itti aanaa Qonsilaa Embassy Faransay kan ta’e nama Vener Musinger jedhamu yoo ta’u yeroon isaas baatii Onkololessaa 1870 ture. Akka Hiikaan tilmaametti Musinger Hiikaa qalatee nyaachuuf kan bite osoo hin taane bilisa baasuuf ture.
Battalumattis mana barumsaa warra Misiyoonii Sweden galche. Hiikaanis Carraa isa mudate kanatti guddaa gammadee hamilee guutuun waan barateef barnoota isaatti jabaa ta’e. Bitootessa 31, 1872ttis Cuubame. Maqaan isaas jijjiiramee Onesmos jedhame. Onesmos jechuun afaan Girkiin waan fayidaa qabu jechuudha. Onesmos luba isa barsiisee isa cuube Lundihaal biratti kabajaa fi jaalala guddaa horate. Yeroo kanatti yeroo jalqabaaf gara dhaloota isaatti deebi’ee warra isaa barbaaduu kan jedhu yaadni itti dhufe. Kadhannaan isaas “…yaa Waaq yoom biyya abbaa kootti na deebistee warra koon wal na agarsiifta kan jedhu ture. Garuu akka inni yaadutti osoo hin taane biyya Sweden deemee barnoota isaa akka itti fufu kan jedhu qajeelfamni itti dhufe. Diduu hin danda’u. Waxabajjii 25 bara 1876 ti biyya Sweden magaalaa Stockholm gahe. Afaan Sweden baruun yeroo itti hin fudhanne. Waggaa shan keessatti barnoota Amantii baratee xumure. Sana booda hawwii isaa duraa kan biyya Oromootti deebi’uu jedhu sana dhugoomsuuf 1881tti gara Sudan dhaqee achirraan Mitsuwaatti deebi’e. Amma yaadni biraan sammuu isaa cinqee qabuu jalqabe, maatii isaa arguu osoo hin taane wangeela ofii baratee jireenya barabaraa ittiin abdate sana saba Oromoo waanjoo garbummaa jala jiran sanaan ga’uu ture. Kanaafuu Macaafa qulqulluu gara afaan Oromootti hiikee maxxansiise. Kitaabota aadaa fi og barruu afaan Oromoos afaan Oromoon barreessee og barruu afaan Oromoof bu’uura lafa kaa’e. Sana boodas Onesmos Akka yaadettis salphaatti lafa Oromoo ga’uu baatellee dhuma irratti saba Oromoo bira ga’ee misiraachoo wangeelaa kana itti himuu danda’eera.

3 comments:
dhahannaa onneekoo. baga waaqayyo mul`ata kee bakkan siif ga`e!!!!!!!!!!!!!!!!!
hiikaa awwaajii nama seenaa hin dagatamnnee hojjeetee keessaa isa HANGAFA WAAQQAYYOO HAA EEBBISUU!!!!!!!!!!!!!!
lubbuun isaa haa jeennattu haayyuu gumaacha aartii keenyaf gumaache
Post a Comment