Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Tuesday, April 15, 2008

Finfinnee Keessatti Diraamaa Hojjetamuu Itti fufee Jira

Oduu

Filmaatni naannolee Caamsaa 13 guutummaa Itoophiyaatti eegalamee ture. Dhaaboleen mormitootaa garuu filmaaticharratti hirmaachuurraa of-qusataniiru. Gama biroon, Finfinee keessatti dhukaasni dhohee mana daldalaa boba’aa rabsuu tokko tajaajilaa ala godhee jira. Balaan dhukaasa kun kan qaqqabe akka lakkoofsa Oromootti (ALO) Caamsaa 14 bara 2008, Kibxata galagala. Jalaqabatti dhukaasa guddatu dhagahame. Itti fufee dhukaasa xixiqaa sadiitu dhaga’aman. Booda naannoon akka guyyaa ifuu jalqabe. Manni boba’aa raabsu kuusaa boba’aa fi meeshaalee adda addaa waliin abiddi itti qabatee. Hojjetoota dhaabbatichaa gaafas hojiirra jiranii fi namoota konkolaataa boba’aa guuttachuuf achi turan keessa hanga tokkorra midhaan ga’ee ture. Dhukaasni sun foddaa manaa fi konkolaatottaa caccabsee ture. Abiddi qabates manicha, meeshalee fi konkolaatottaa hanga tokko daara taassise.

Humni ittisa abiddaa Finfinnee fi hojjetootni ambuulansii Finfinnee balaa abiddaa sanatti yeroon birmataniiru. Humni ittisa abiddaa Finfinnee yaalii jabaa godheen abiddichi darbee qabeenya biraa akka hin gaagaaneef dafee too’annoo jala oolcheera. Hojjetootni ambulaansii ammo namoota miidhaman atattamaan gara mana yaalatti geessuun akka dandamataniif gumaacha guddaa godhan. Manni daldalaa boba’aa raabsu sun balaa irra gahe sanarraa kan ka’e harra tajaajilaa alaa ta’ee jira. Deebi’ee tajaajila haa kennuu fi haa dhiisuu wanni beekamu hin jiru.

Dhukaasnii dhohee balaan abiddaa akka qabateen raadiyoon wayyanee shorokeessitoota waakachuu eegale. Akka yaadatamutti, deemsa filmaata biyyooleessaa bara 2005 Itoophiyaa keessatti geggeeffameen sagalee uumatatu hatameen jeequmsi ka’ee ummanni hiriira ba’an. Humni ittisaa wayyanee hiriira ba’ame sana dhaamsuuf yaalii godhe keessatti, keessahuu Finfinnee keessaatti, finciltootarra miidhaan ga’uun beekama dha. Walitti bu’iinsa ta’e sana keessatti namoonni dhibba tokkoof sagaltamii sadii du’uun akkasumas hedduun midhaamuun ni yaadatama. “Warra hiriira ba’antu humna ittisa biyyaa nageenya tiksuuf naannoo jiru irratti dhukaasa banan: walitti bu’iinsi bara 2005 akkasitti eegale, jedha mootumman wayyanee. Nu yakkuu fi seeraan ala nu taassisuuf wayyaneen shira hojjete jedhu warri mormiitootaa. Shira sanaan hidhattonni wayyanee ummata keessa dhokachuun ummata hiriira ba’e fakkachuun ofumaa dhukaasa jalqaban. Wayyaneen ofumaa dhukaasa banee, sobaan nu yakke jedhu dhaabileen mormitootaa. Sababa jeequmsaa sanaan wayyaneen hoggantoota dhaabilee mormitoota too’annoo jala oolchee dhaabilee sana seeran ala taasisee akka ture ni yaadatama.

Dhukaasa Caamsaa 14 galgala magaalaa Finfinee keessatti tahe sana eenyu akka harka keessaa qabu wanni beekame hin jiru. Filannoon nannolee Dilbata, Caamsaa 13 akka geggeefamaa oole hubatama dha. Wayyaneen mormitootu filannoo lagatanii nageenya booressuuf “shororkeessumma” raawwatuun yaakka. Mormitootni wayyanee hamatu.

No comments:

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa