Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Friday, April 18, 2008

Seenaa Afaan Oromoo

Afaan Oromoo

Ummatni tokko ummatootaa biraa irraa addaan bahee ulaagalee inni ittiin beekamu baayyee keessaa afaan sabichaa ulaagaa duree qabuu dha. Ummatoota Gaanfa Afirka keessaa, Oromoon afaan Oromoo dubbachuun beekamu.
Gaanfa Afrikaa keessaa ummanti harki guddaan afaan Oromoo dubbata. Baayyinni ummata Oromoo, kan afaan Oromoo afaan dhalootaa taheef, miliyoona afurtama tahu. Akkasumas ummatni olla Oromoo kan afaan Oromoo akka afaan lameessotti may itti bahanis gara miliyoonaa 20 gahu. Ummata miliyoona hedduutu afaan Oromootti maayii baha jechuu dha. Walumaagalatti, afaan Oromoo afaan saba ballaati.
Afaan Oromoo gosa afaan Kushitik jedhamuu dha. Afaan Oromoo afaan ummatoota kushitik biro waliins wal-fakkata. Haala kanaan, afaan Oromoo afaan Sumalee fi afaan Afar waliin hanga tokko wal-fakkata. Afaanonni kun dame afaan kushitik bahaa keessatti argamu. Gama biroon, ummatni Oromoo walakkeessa, bahaa, dhihaan, kibbaa fi kaabaa utuu hin jenne hunduu afaanuma tokko dubbatu: afaan Oromoo. Afaan Oromoo Oromiyaa keesaa qofaa osoo hin taane, biyyoota olla Oromiyaa kannen Oromiyaa daangessan keessattis hedduminaan dubbatama.
Afaan Oromoo Oromiyaa guutummaa fi biyyoota Oromiyaa daangessan keessatti hedduminaan dubbatamu iyyuu, imaammatni mootummaa Habashaan guddina afaanichaaf danqaraa tahee ture. Afaan og-barruu akka hintaaneef bara dheeraaf uggura cimaatu irra kaa’amee ture. Kanaaf afaan Oromoo baroota dheeraaf afaan afoollaa qofa ta’ee ture. Afaan Oromoo afaan og-barruu akka hin taanee fi meeshaalee sab-quunnamtii kan akka raadiyoon ummatni akka itti hin tajaajilamneef mootummaan Habashaa ifatti dhorkee ture waan taheef.
Barreessi fi og-barruun afaan Oromoo isa mootummaa Habahsaan dhorkamee daangeffamee ture sana mana hidhaa baasanii guddisuuf qabsoo hadhooftuu geggeeffame. Afaan afoollaa irraa gara afaan og-barruutti ol-guddisuuf hayyoonnii fi beektotni Oromoo akkasumas hayyootni qooqaa kan fedha afaan Oromoo qabanii gumaacha godhaniin harra afaan Oromoo qooqaa og-barruu tahee jira.
Falmaa ummatni Oromoo godheen bara 1990 ALOtii eegalee Oromiyaa keessatti afaan Oromoo afaan hojii fi barumsaa ta’ee itti tajaajilamaa jira. Harra afaan Oromoo afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’eera. Mana seerattis tajaajilli afaan Oromoon kennama: kan himatus kan himatamus afanuma Oromon dhimma baha jechuu dha.
Mana barnootattis barumsi sadarkaa tokkoffaa fi giddugaleessaa afaan Oromoon kennama. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi dhaabbata barumsaa olaanoo keessattis barumsi afaan Oromoo akka afaan tokkootti kennamaa jira. Walumaa galatti, afaan Oromoo uggura jalaa bahee afaan afoolla irra taree afaan og-barruu fi afaan sab-quunnamti tahee ummata taajaajilaa jira.

No comments:

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa