Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Saturday, April 12, 2008

Xalayaa Bidiruu Irraa

Raagaa Guddaaf
Ulaa Gullallee 224
Finfinnee, Oromia

Obboleessa koo Raagaa,
Hunda dursee nagaa obbolumaan siif dhiheessa. Attam nagaa fayyaa keetii, ani galata Waaqaayyoo fayaa kooti. Xalayaa siif hin barreessin turuu koof dhiifama. Xalayaa barreessu dhabee osoo hin taanee, mana poostaa irrraa fagoon jiraafan yeroon siif erguu dhabe. Eegan as dhufe harra reefin magaalaa Beddelleetti as bahuu kooti. Kanaafan yoona ga’e. Akka argatteen naa deebisi.

Beddeellee biyya ajaaibaati. Finfinee yeroo waliin turre sana deemumoo dhiisu jedhee mamaa akkan ture ni yaadatta. Garaa jabaadhee as dhufuu kootti harra hedduun gammada. Guyya sana garuu, keessahuu, Finfinnee ka’ee laga Gibee hangan ga’utti jibbeen tue. Karaan caccabaa waan ta’eef konkolataan hedduu nu raasa ture. Baayyee bulluqas. Foddaa yoo bante awaaratu ija sitti jaamsa. Laga Gibee yeroo geenyu garuu oo’ii fi hawwaarri lab jedhe. Karaan bitaa fi mirgaa magariisa bunaa, muusa, burtukaanaa fi biqiltuu biroon bareedina uffatee nu simannaaf kan qixaa’e natti fakkate. Magaalaan Jimmaa bareedina magaariisa kana fakkatuun nu simatte. Dhaabbata konkolaataa Jimmatti buufannee laaqana nyaanne deemsa itti fufne, gara Beddelleetti. Aggarroo keessa baatee gara Beddelle yeroo deemtu magariisni buna bosonaan wal simatee naannoo daraan bareeche argita. Beddeellee biyya kana fakkaattu keessan taree fagoo deemnee Araddaa Bidiruu geenye. Akka hin dogoggorre: Araddan Bidiru Bedellee daangessa malee godina Beddellee miti. Bunnii bosonaan wal-simate kan Bedelle yoo caale malee hin hanqatu.

Waa’ee magaalaa Araddaa Bidiruu xalayaa itti aanuuf dhiiseen waa’ee bunaa tokko lama irraa siif jedha. Hirriyoonni keenya, anaa fi si dabalatee, buna dhuguu irra darbinee biqiltuun bunaa maal akka fakkaatuu fi akkamitis akka hoomishamu waan beeknu hin qabnu ture. Suuraa buna daraaraa xalayaa kana waliin siif ergee ilaal. As galee bariinanin buna bu’uu jalqabe. Itti baruu wallaleen jibbeen ture jalqaba. Amma garuu hunduu salphaa dha, qorattii irraa sirritti of-eegutu na rakkisa malee. Harra torban lamaffaa jalqabuu kooti. Kan si dhibu, Dilbata harraa kanan guyyaa jalqabaa bu’e sana gabaatti geessee gurguradheen yeroo jalqabaaaf bu’aa dafqa koo argadhe. Qarshii 1248-ttin gurguradhe. Yoon torban shan, hanga manni barumsaa banamutti, asi ture akkasumas gatiin bunaa akka kanatti yoo itti fufe, egaa maallaqa waa harkatti qabadheen gara Finfinneetti ol deebi’a jedheen yaada. Baayyee si hin dhibuu?

Raaguu! Kanan olitti jedhe hunduu akkasitti utuu jiruu jireenya Araddaa Bidiru kana waa tokkoofan jibbe: korreentiin hin jiru. Alli dafee waan dukanaa'uuf jecha namoonni akka lukkuu dafanii manatti ol galu. Roobus caamus dhiinaan hunduu oldacha'a. Akka Finfinnee galgala galagala "wookii" gochuun hin jiru. Kanaan maal jetta? Gama biroon, ani yeroo hundaa waa'ee keessanin yaada. Hangan jedhe sana eeguu koo rabbitu beeka. Dafee Finfinneetti ol deebi'uun koo hin hafu.
Hanga xalayaa itti aanutti, nagaa Waaqayoon
Alamuu
Oromia2008@gmail.com

Araddaa Bidiruu,
Oromia

No comments:

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa