Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Wednesday, May 21, 2008

Addis Bomb Explosion Kills and Destroys Properties

Finfinneetti Dhukaasni Dhohee Nama Ajjeessee Qabeenyas Barbadeesse

Ebla 19 gaafa Dafino ykn Hoja Duree galgala Finfinnee keessatti kan argamu Waajjira Dhimma Alaa Wayyaanee cinatti konkolataa geejjibaa xiqqaa namoota fe’ee deemu keessatti dhoksaan hidhamee ture dhohee battalumatti lubbuu namoota sadii kan galaafate yeroo tahu kanneen konkolaaticha keessa turan du’a irraa hafanis hedduu akka miidhaman odu tamsaasaan BBC addeesseera.

Maddi oduu BBC namoota biliqii konkolaatichi gubachuu jalqabe argan wabii dhahuun akka jedhetti, dhukaasichi konkolaaticha burkuteessee qaama konkolaatichaa qilleensa keessa akka facaase fi namoonni dirmatan reeffa namoota achi keessaa baasuu arge jedhee dubbata. Dhukaasaa ta’e kana ilaalchisee hanga yoonatti qaammi anatu sababaa kanaaf kana raawwate jedhee itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Aanga’oonni mootummaa wayyanee garuu dhukaasa kana mootummaa Eritrea fi qabsaa’ota adda bilisa baasaa ummatootaa kan mootummaa wayyaanen mormantu duuba jira jechuun jarreen yakku.

Akkuma yaadatamu, xumura filmaata naannoolee kan guutummaa Ethiopia tti baatii Caamsaa keessa geggeefameen booda haala walfakkaataan mana boba’aa raabsan lamarratti dhukaasni dhohee balaa gurguddaa geessisee ture. Balaan dhukaasa sun manneen boba’aa raabsan lamarratti kan qaqqabe akka lakkoofsa Oromootti (ALO) Caamsaa 14 bara 2008, Kibxata galagala. Jalaqabatti dhukaasa guddatu dhagahame. Itti fufee dhukaasa xixiqaa sadiitu dhaga’aman. Booda naannoon akka guyyaa ifuu jalqabe. Manni boba’aa raabsu kuusaa boba’aa fi meeshaalee adda addaa waliin abiddi itti qabatee. Hojjetoota dhaabbatichaa gaafas hojiirra jiranii fi namoota konkolaataa boba’aa guuttachuuf achi turan keessa hanga tokkorra midhaan ga’ee ture. Dhukaasni sun foddaa manaa fi konkolaatottaa caccabsee ture. Abiddi qabates manicha, meeshalee fi konkolaatottaa hanga tokko daara taassise. Manni daldalaa boba’aa raabsu sun balaa irra gahe sanarraa kan ka’e harra tajaajilaa alaa ta’ee jira. Deebi’ee tajaajila haa kennuu fi haa dhiisuu wanni beekamu hin jiru.

Gama biroon ammoo, deemsa filmaata biyyooleessaa bara 2005 Itoophiyaa keessatti geggeeffameen sagalee uumatatu hatameen jeequmsi ka’ee ummanni hiriira ba’an. Humni ittisaa wayyanee hiriira ba’ame sana dhaamsuuf yaalii godhe keessatti, keessahuu Finfinnee keessaatti, finciltootarra miidhaan ga’uun beekama dha. Walitti bu’iinsa ta’e sana keessatti namoonni dhibba tokkoof sagaltamii sadii du’uun akkasumas hedduun midhaamuun ni yaadatama. Walitti bu’iinsa ta’e sana keessatti qabeenyis barbadaa’ee ture.

No comments:

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa