Mirga/copy right issues

Guddina Afaan Oromoof oola taanaan, yaada asiratti ibsame dhiisii daadooyyuu siifan dhufa.
As far as the material is used for the sole purpose of promoting Afaan Oromo, the site and its content can be used for free and without limitation.

Thursday, April 24, 2008

Oromiyaa

Oromiyaan biyya Oromootati. Biyyi kun, teessuma lafaan gaanfa Afrikaa, impaayera Ethiopia keessatti argamti. Sarara lafaan gara kaabaatii digrii 2 fi 12, gara bahaatii digrii 34 fi 44 gidduutti argamti. Akkasumas Oromiyaan karaa bahaan Jibuutii fi Sumaaliyaa, kibbaan Sumaaliyaa fi Keeniyaa, dhihaan Sudaaniin, kaabaan biyya Amaaraa fi Tigreen daangefamtee kan jirtu dha.
Baayyinni ummata Oromiyaa miliyoona 40tti tilmaamama. Bal'inni lafa ishees kiiloo meetra kaaree 600,000 (kuma dhibba jaha) olitti shallagama. Karaa bal'ina lafaatiin biyyoota Afrikaa 50 keessaa sadarkaa 18ffaa irratti argamti. Bal'inna lafaan Kuubaa, Bulgaariyaa, Xaaliyaanii fi Ingliziin yoo walitti dabalaman hamma Oromiyaa hin gayan.
Oromiyaan qilleensa gaarii, kan ho’aa ykn qabanaa’aa jedhamee hin daangeffamne qilleensa qabbana ho’atti madaalu giddu galeessa qabdi. Haalli qilleensa Oromiyaa kunis waktii(season) afuritti, Birraa, Arfaasaa, Bonaa fi Ganna jedhamee qoodamuun beekama.
Oromiyaa uumamaan badhaatuu dha. Biyyi kun lafa gabbataa qonnaa fi bosonaaf tolu qaba. Lafti Oromiyaa kuusaa albuudaan kan jiruu fi jireenya saba Oromoo fooyyeessuu fi jijjiiruu tajaajiluu danda’uu hedduu of keessaa qaba. Albuudaa lafni Oromoo qabdu keessaa, daaba(Warqee), birrii (silver), plaatiniyeemii, yuraaniyeemii, dhagaa maarbilii, niikeelii fi boba’aa (natural gas) sogida, kasala (charcoal), suphee, sibila (copper and iron), simintoo (cement) maqaa dhahuun ni danda’ama. Oromiyaan bineensota daggalaa kanneen akka leenca, qeerramsa, arba, bosonuu, jaldeessa, qamalee, saattaawwaa, fi kanneen fakkaatan heedduu qabdi. Qonnaan bultoonni Oromoo horii manaa kanneen akka sa’a, re’ee, hoolaa, farad, gaangoo, harree, lukkuu (andaaqqoo), fi kanneen fakkatan bal’inaan horsiisu. Lafti Oromiyaa midhaan gosa hedduu kaneen akka xaafii, boqqolloo, garbuu, atarii, baaqilaa, bisingaa, akkasumas buna, jimaa fi kkf magarsa.
Oromiyaan, lageen, haroowwan, gaarreewwanii fi bosona maqaa dhawaman baayyee qabdi. Lageen heedduun har’a kibba-bahaa Afrikaa keessatti argaman keessaa irra guddaan isaanii Oromiyaa keessaa kan maddanii dha. Isaan kana keessaa maqaa dhahuufis Haroo Xaanaa irraa ka’ee biyya Oromiyaa baayyee kutee darbuun Sudan erga ga’een booda Gurraacha Abbayya (Blue Nile) jedhamee kan beekamu Abbaya ykn Mormor. Dachee Oromiyaa keessaa kanneen maddan laggeen Waabee fi Gannaalee, laggeen xixiqqoo baayyee ofitti dabaluun lafa Oromoo keessa darbanii Sumaaliyaaf wabii jireenyaa kan ta’an, akkasumas handhuura Oromiyaa Jibaatii fi Macca keessaa ka’uun hundee dinagdee fi wabii jireenya impaayera Ethiopia kan ta’e Awwaashi laggeen Oromiyaa warra maqaan dhahaman keessatti argamu.
Haroowwan Oromiyaa keessaa maddan hedduu keessaa, Shaalaa, Bushooftuu, Qooqaa, Laangaanoo, Laaqii Danbal, Fincawaa fi haroowwan Haaroomaayaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Fincawa, Gilgel Gibee fi MalkaaWaakkennaan humna ibsaa (electricity) Empayera Ethiopia utubanii kan qabanii jiraniidha.
Oromiyaan gaarren gurduddoos ni qabdi. Isaan keessaa kutaa Arsii keessatti kan argaman Kaarraa, Enkelloon, dhiha Oromiyaatti kan argamu Tulluu Walal, baha Oromiyaatti kan argamu Mul’ataa, akkasumas giddu-galeessa Oromiyaatti kan argamu Baddaa Roggee maqaa dhahuun ni dandahama. Kana malees Oromiyaan lafa daawwatootta harkisuun galii maddisiisuu danda’an baayyee qabdi.
Oromiyaan biyya ballee qabeenya olitti ibsamee ofkeessatti qabduu dha. Oromoonni qabeenya uumamaa kana dhimma itti bahuun mala-jireenyaa adda addaa geggeefataa jiratu. Harki guddeessi ummata Oromoo qonnaan, horii horsiisuu dabalatee, jiraatu.
<<<<<<<<<<<<<<<<<<<>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>

No comments:

Ergaa Qe'ee

Ha naa dhufu
Fuulli kun bakka dhimma Oromia fi Oromummaa irratti haala bilisa taheen yaada wal jijjirruu fi marihanuu dha. Yaada gorsaas tahee yaddoo dhibdee Oromia fi Oromummaa irratti qabdu kabajaan simannee siif keessumsiifna. Irra caalaa garuu dandeettii afaan Oromoo barreessuu horachuuf toora kanaan yaada wal-jijjiruu kan fedhu hundaaf ulaa banuun fedha. Ani gama kiyyaan hiree kanatti dhimma bahuun qabxiilee Oromia fi Oromummaa irratti rarra’an irratti tokko lama jechuuun fedha. Akeeki koos, orma caala hubannaa fi ejjennaa tan mata koo of –qoruu fedheen. Ormis utuu akkas yaalee, fuula kana akkasumas marsaalee Oromoo biro bilchinaa fi ogummaan dhimma itii baane humnaa fi qabeenya (yeroo fi dandeettii dabalatee) waan biyyaaf faayidaa qabu tokkorra oolchuu dandeenya jedheen yaada. Kanaafuu, ofirraa eegaluu kooti. Harraa eegalee, barruu adda addaan fuula kanarratti dhiheessuu yaala.

Barruuleen dhuhaachuu malan qabxii adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yeroo tahu, waliigalatti afaan Oromoo akka diriirfatuuf gahee akka nam-tokketti bahuun narra jirun raawwachuuf carraqa.

Tole, yeroo kee fudhattee hanga kana fuula kana doowwachuu keef hedduu galatoom. Yaada qabdus asumaan yoo lafa nuuf keessa galatni kee walabummaa dha jednna.

Alamu. Yaad karaa Oromia2008@gmail.com naa erguu dandeessa